Kirkira Lafaa Turkii fi Sooriyaatti mudateen lakkoofsi namoota du’anii kuma 11 caale

Finfinnee, Guraandhala 1, 2015 (FBC) – Kirkira Lafaa Turkii fi Sooriyaatti mudateen lakkoofsi namoota du’anii kuma 11 caaluu dhaga’ame.
Balaa kirkira lafaa mudate kanaan Turkitti qofa hanga ammaatti lammiileen kumni 8 fi 574 ol lubbuu dhabuu Pireezidaatiin Biyyattii Reesiip Xaayib Eerdohaan ibsaniiru.
Pireezidaanti Eerdogaan bulchiinsa naannoolee kirkira lafaatiin haalaan miidhaman 10 keessatti labsii yeroo ariifachiisaa baatiwwan sadiif labsaniiru.
Sooriyaattis lammiileen kumni 2 fi 530 ol lubbuu dhabuu ibsameera.
Hammi lakkoofsa namoota du’anii kana caalaa dabaluu akka danda’u eerameera.
Kirkirri lafaa bara 1999 Turki mudateen lubbuun namoota kuma 17 olii darbuun kan yaadatamuudha.
Maddi:- Al Jaziiraa fi BBC
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment