Finfinnee, Qaammee 4, 2015 (FBC)-Morookootti kikira lafaa mudateen lubbuun namoota 820 darbuun gabaafame.
Kirikira lafaa maginiitiyuudii 6.8 galmeesse kanaan lubbuu namootaa dabaruutti dabalataan namoota 329’rra miidhaan qaqqabuun ibsameera.
Dabalataan gamoowwan jijjiguu, humnii elektirikaa fi neetiwoorkiin bilbilaa baduu BBC’n gabaseera.
Aanga’oonni biyyattii akka ibsanitti, buufata tuuristootaa kan taatee fi hambaa addunyaa ta’uun UNESCO’tti kan galmoofte Magaalaan Maaraakaash miidhamuun eerameera.
Naannawaalee Kibbaa Magaalaa Maaraakaashittis miidhaaf qaqqabeef saaxilamuun ibsameera.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.