Kiristoos jaalala dhala namaaf qabu ibsuuf gatii lubbuu kanfalee, du’a injifateera! – Adaanaach Abeebee

Finfinnee, Eebla 7, 2015 (FBC) – Kiristoos jaalala dhala namaaf qabu ibsuuf gatii lubbuu kanfalee, du’a injifateera! jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanaach Abeebeen

Aadde Adaanach ayyaana Faasikaa sababeeffachuun ergaa geessanii dabarsaniiru.

Gocha isaa kanaan dhala namaa hundaaf jaalala, wal kabajuufi waliif yaaduu akkasumas tokkoon keenya kan birootiif jiraachuu nubarsiiseera jedhan.

Nutis ayyaana Faasikaa kana wayita kabajnu biiyyattii waaqni nuuf kenne hunda keenyaaf kan feessu waan taateef jibbiinsaa fi dubbiidhaan wal waraanuu dhiisnee mataa keenyaa fi kan mufachiisne hundaan araaramuun ayyaana jaalalaa, wal kabajuu, waliif yaaduufi waloominaa akka nuuf ta’un hawwa jechuun ergaa dabarsaniiru.

‘Ayyaanicha wayita kabajnu namoota oolmaa biyyarraa qaban naannawaa keenya jiraatan, kanneen gargaarsa barbaadan akkasumas lammiilee keenya nama isaan gaafatu hin qabne waliin jaalalaan maaddii qooddachaa waloominaan akka kabajnun waamicha kiyya dhiyeessa’ jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment