Finfinnee, Onkololeessa 29, 2017 (FBC)-Rippaabilikii Dimokiraatawaa Koongoo magaalaa kiinshaasaatti Daandiin Qilleensaa haaraan Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa %49 qooddatuu Baatii Sadaasa keessaa hojii akka eegalu ibsame.
Hoji Raawwachiisaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Masfiin Xaasawu akka ibsanitti, bu’uura galma karoora isaan daandichi kallattii hundaan guddina saffisaa galmeessaa jira.
Keessumaa Daandiiwwan Qilleensaa Afrikaa gama hundeessuun daandichi muuxannoo olaanaa akka qabu himanii, dhiyeenyattis Rippaabilikii Dimokiraatawaa Koongootti Daandii Qilleensaa haaraa hundeessuuf mootummaa biyyattii waliin waliigalteerra ga’uu ibsaniiru.
Haaluma kanaan baatii Sadaasaa keessa Magaalaa Kiinshaasaatti daandii qilleensaa haaraan, kan Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa %49 qooddatuu fi mootummaan biyyattii %51 qooddatu hojii akka eegalu beeksisaniiru.