Kiliinikoonni socha’oon dhibee Sombaa qoratan hojiirra oolan

Finfinnee, Eebila 6, 2012 (FBC) – Kiliinikoonni socha’oon dhibee Sombaa qoratan hojiirra ooluu isaanii ibsame.
 
Ministeerri Fayyaa Kiliinikoota socha’oo ammayyaa qorannoo dhibee Sombaa taasisuu danda’an Horsiisee bultootaf dhiyeessuu isaa beeksiseera.
 
Kiliinikoonni kunneen naannoolee Oromiyaa, Afaar fi Soomaaleetti tajaajila kan laatan ta’uu ibsameera.
 
Ministir deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan, mootummaan hanga bara 2035tti Ityoophiyaa dhibee Sombaarraa bilisa taate uumuuf kaayyeffatee hojjetaa jira jedhan.
 
Kaayyoo kana milkeessuuf meeshaalee qorannoo dhibee Sombaa taasisuuf tajaajilan kanneen haala jireenyaa horsiisee bultootaaf mijataa ta’an waliin ga’uuf hojjetamaa jira jedhan.
 
Kiliinikoonni socha’oon kunneen hanqina naannoo horsiisee bultootaa jiru furuuf shoora guddaa akka qaban Dooktar Darajjeen ibsaniiru.
 
Kiliinikoonni kunneen laaboraatoorii ammaayyaa dhibee Sombaa qorachuuf gargaaranii fi meeshaalee yaalaa biroo kan guuttataniidha jedhan Dooktar Darajjeen.
 
Kiliinikoonni socha’oon kun deeggarsa Fandii Giloobaal jedhamurraa argame Doolaara miiliyoona 2.2 bitamuu isaanii ibsaniiru.
 
Humna aduu, Jenareetaraa fi elektirikaan akkuma barbaachisummaa isaatti hojjechuun kan danda’aniidha jedhame.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Comments (0)
Add Comment