Kilaboonni moggaasa sabaafi amantaan waamaman maqaa isaanii akka fooyyessan yaadachiifaman

Finfinnee, Hagayya 27, 2014(FBC)- Kilaboonni Kubbaa miilaa moggaasa sabaafi amantaan waamaman maqaa isaanii akka fooyyessan Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa yaadachiise.

Yeroon jijjiirraa dorgommiiwwan liigii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa bara 2015 itti banamu ifoomeera.

Haaluma kanaan kilaboonni Piriimeyer Liigii fi Liigii Olaanaa Dubartootaa akkasumas  Liigii Olaanaa, Liigii 1ffaa dhiirotaa fi dorgommiiwwan umrii 20 gadii bara 2015tti hirmaatan jijjiirraa raawwachuu kan danda’an Qaammee 4, 2014- Sadaasa 15,2015tti ta’uu eerameera.

Kilaboonni bara 2015 irraa eegalee dorgommiiwwan liigii hundarratti hirmaatan mogaasa maqaa sabaafi amantaarraa bilisa ta’e beeksisuu akka qaban yaadachiifamuu ragaan federeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment