Kilabni Kubbaa Miillaa Magaalaa Shaashamannee leenjisaa isaa gaggeesse

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2016 (FBC) – Kilabni Kubbaa Miillaa Magaalaa Shaashamannee leenjisaa isaa Tsaggaayee Wandimmuu hojii leenjisummaarraa gaggeessuu beeksise.

Kilabichi Kaleessa Buna Sidaamaan goolii 3 fi 1n injifatamuu hordofee hojii leenjisummaarraa ari’amuu ibsameera.

Waggoota kudha shan booda gara Piriimer liigii Itoophiyaatti kan deebi’e Kilabiin Magaalaa Shaashamannee taphoota hanga ammaatti taphate hunda injifatameera.

Kilabichi Leenjisaa haaraa qacaruuf adeemsarra jiraachuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment