Kilabiin Sabbataa ispoonsara waggaa afurii Biiraa Meettaa Abboo waliin mallatteesse

Finfinnee, Muddee 3, 2012 (FBC) – Kilabiin magaalaa Sabbataa ispoonsara waggaa afurii; Birrii miiliyoona 18 Biiraa Meettaa Abboo waliin mallatteesse.

Bara kana waggoota dheeraa booda gara liigii Ityoophiyaatti kan makame kilabni magaalaa Sabbataa, ispoonsara waggaa afuriif turu Birrii miiliyoona 18 Biiraa Meettaa Abboo waliin mallatteesse.

Waliigalticha eegduu olaanaa kilabichaa fi kantiibaan magaalaa Sabbataa obbo Birhaanuu Baqqalaa fi preezdantiin kilabichaa obbo Ibsaa Laggasaa mallatteessaniiru.

Waliigaltichi maallaqaa Birrii miiliyoona 14 fi meeshaalee ispoortii Birrii miiliyoona 4 kan ofkeessatti haammatedha.

Oomishaalee Biiraa Meettaa Abboo beeksisuuf waliigalameera.

Comments (0)
Add Comment