Kilaawudiyaa Sheenbaam Pireezidaantii dubartii jalqabaa Meeksiikoo ta’uun filataman

Finfinnee, Caamsaa 26, 2016 (FBC) – Dubartiin Umrii waggaa 61 Kilaawudiyaa Sheenbaam Pireezidaantii dubartii jalqabaa Meeksiikoo ta’uun filatamaniiru.
Kaantibaa Magaalaa Meeksiikoo kan turan Kilaawudiyaa Sheenbaam filannoo Wiixata darbe biyyattiitti gaggeeffame sagalee olaanaan argachuun injifachuu Abbaan Taayitaa Filannoo biyyattii beeksiseera.
Kanaanis seenaa biyyattiitti Pireezidaantii dubartii jalqabaa ta’uu isaanii ibsameera.
Kilaawudiyaa Sheenbaam Bara Faranjootaa 2024 baatii Onkololeessaa keessa Pireezidaantii biyyattii Andirees Maanu’eel Loopeez Obraadoor bakka kan bu’an ta’uu BBCn gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment