Kilaastera misooma Bolaqqee Aanaa Zuwaay Dugdaa

Finfinnee, Hagayya 23, 2016 (FBC) – Godina Arsii Aanaa Zuwaay Dugdaatti Boloqqeen lafa hektaara kuma 10 fi 473 irratti Kilaasteraan misoomaa jiraachuu ibsame.

Aanichaatti inisheetiivii Boloqqee lafa qabsiisuuf hojii hojjetamaa jiruun lafa hektaara kuma 10 olirrattii boloqqeen kilaasteraan misoomsaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Zuwaay Dugdaa Obbo Abdulqaadiir Abdallaan ibsaniiru.

Aanichatti inisheetiiviiwwan qonnaa hojiirra oolaa jiran keessa Inisheetiiviin Misooma boloqqee, Atara Gugee, Ruuzii, Avokaadoo fi Paappayaan isaan hangafa ta’uu eerameera.

Abdallaa Amaantu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment