Kilaastarri Koolleejjii Poolii Teeknikaa Shaashamannee barattoota kuma 3 ol eebbisiise

Finfinnee, Adoolessa 29, 2015 (FBC)- Kilaastariin Koolleejjii Poolii Teeknikaa Shaashamannee barattoota kuma 3 fi 33 leenjii ogummaa fi teeknikaan barsiisaa ture eebbisiiseera.

Kilaastarichi barattoota koolleejjii Poolii teeknikaa 22 aanaalee fi magaalota Godina Arsii Lixaa garaagaraa keessaa walitti baba’an yoo ta’u, Koolleejjiiwwan mootummaa 8 fi dhuunfaa 14 ta’uu Diiniin Koolleejjii Poolii Teeknika Shaashamannee Obbo Tiliqsawu Lataa himaniiru.

Eebbifamtoonni qormaata madaallii gulantaa 1-5 gahumsa ogummaa fudhachuun kan milkaa’an ta’uun eerameera.

Ogeessa ga’oome horachuun, carraa hojii uumuu fi qulqullinaa oomishaa dabaluun gabaa alaarratti dorgomtootaa akka ta’aniif Industirii fi abbootii qabeenyaa walitti fiduuf haala kan mijeesuu ta’uun eerameera.

Ittaanaan Hoogganaa Biiroo Ogummaa fi Carraa Hojii Uumuu Oromiyaa Obbo Adam Kamaal, eebbifamtoonni ogummaafi beekumsa argataniin hawaasa akka tajaajilan dhaamaniiru.

Jibriil Huseentu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment