Kilaastara BLTO Godina Arsii Lixaatti waldorgommii sadarkaa ogummaa, teeknooloojii fi qo’annoo fi qorannoo adeemsifame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2013 (FBC) – Kilaastara BLTO Godina Arsii Lixaatti waldorgommii sadarkaa ogummaa, teeknolojii fi qo’annoo fi qorannoo adeemsifameera.
Abbaan adeemsa fi tajaajila ekisteenshinii kuufama fi ce’uumsa teeknolojii waajjira BLTO Godina Arsii Lixaa obbo Kadiir Waanaagoo akka jedhanitti, waldorgommiin kun koolleejjota BLTO Godina Arsii Lixaa jala jiran 7 fi koolleejjii poolii teeknika magaalaa shaashamannee jiddutti ogummaa 13n geggeeffameera.
barattoonni fi barsiisonni BLTO kan dorgoman yoo ta’u, ogummaa akka hojii mukaa fi sibiilaa, hodhaa uffataa, makaaniksii, fi teeknolojii isaan xiyyeeffannoon Itti kennameedha.
Diiniin koolleejjii poolii teeknika shaashamannee obbo Tiliqsewu Lataa akka himanitti, kaayoon waldorgommii kanaa leenjii fi leenjitoota kakaasuun kalaqa isaan dalaganiin teeknooloojii alaa galu bakka buusuu fi qacaramuu eeggachuu irra hojii ofii uumachuun hoji dhabdummaa hirdhisuun mataa isaanii fi hawaasa fayyadamaa taasisuudha jedhan.
dorgomtoonni akka godinaatti mooyatan, Godina bakka bu’uun naannoo Oromiyaa fi akka biyyaatti ni dorgomu.
Jibriil Huseentu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment