Kiirgiistaan Embaasii ishee Finfinneetti banuun hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsa jedhame

Kiirgiistaan Embaasii ishee Finfinneetti banuun hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsa jedhame

Finfinnee, Bitootessa 17, 2017(FMC) – Paakiistaaniitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dooktar Jamaal Bakar, Paakiistaanitti Ambaasaaddara Kiirgiistaan Avaaziibeek Attaakaanoov waliin dhimmoota hariiroo waloo, naannawaa fi tumsa hundagaleessarratti mari’ataniiru.

Kiirgiistaan Finfinneetti Embaasii banuuf ta’uu marichaan ka’eera.

Mootummaan Kiirgiistaan yeroo gabaabaa keessatti Finfinneetti Embaasii banuuf murteessuu isaaf Ambaasaaddar Dooktar Jamaal Bakar galateeffataniiru.

Banamuun Embaasichaa hariiroo siyaasaa, Diingadee fi ummattootaa biyyoota lamaanii kan cimsu ta’uu kaasaniiru.

Paakistaanitti Ambaasaaddarri Kiirgiistaan Avaaziibeek Attaakaanoov gama isaaniin hariiroo siyaasaa, Diingadee fi ummattootaa biyyoota lamaanii cimsuuf tumsa barbaachisu kan taasiisan ta’uu kaasuu ragaan Embaasicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment