Kiigaaliitti ijaarsa gamoo Embaasii Itiyoophiyaaf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2016 (FBC)-Ministirri Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Ruwaandaa Kiigaaliitti ijaarsa gamoo Waajjira Embaasii Itiyoophiyaaf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Ijaarsichi kan gaggeeffamuu lafa kaaree meetira kuma 7 fi 771’irratti ta’uun ibsameera.

Sirnicharratti Ambaasaaddar Taayyee akka jedhanitti, Kiigaaliitti lafti kenname hariiroo biyyoota lameenii daran bu’aa qabeessa taasisuuf kan tumsuudha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment