Kenniinsi Tajaajila Baankootaa Teeknooloojirratti hundaa’uu qaba – Dooktar Yinnaagar Dassee

Finfinnee, Adoolessa 9, 2014 (FBC) – Kenniinsi Tajaajila Baankootaa Teeknooloojirratti hundaa’uu akka qabu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Yinnaagar Dasseen hubachiisan.
Baankiin Ahaaduu har’a ifatti hojii eegaleera.
Sirna hojii eegalchiisuu baankicharratti argamuun haasawa kan taasiisan bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Yinnaagar Dasseen Kenniinsi Tajaajila Baankootaa Teeknooloojirratti hundaa’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Ityoophiyatti lammiileen tajaajila liqaa Baankiirraa fayyadamoo ta’an miiliyoona 6 kan hin caalle ta’uu eeraniiru.
Baankoonnii fi dhaabbileen Qusannoo hawaasa naannoo baadiyyaaf tajaajila liqaa sirnaan dhiyeessuun misooma deeggaruu akka qaban yaadachiisaniiru.
Baankiin Ahaaduu Birrii kaffalamaa Miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 64 fi Kaappitaala mallatteeffame miiliyoona dhibba 7 oliin hojii eegaluu ibsameera.
Baankichi Abbootii Aksiyoonaa kuma 10 hojii eegaluu isaa himameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment