Kenniinsa tajaajila si’ataa taasiisuuf waliigalteen sirna odeeffannoo waljijjiiruuf dandeessuu mallattaa’e

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2013 (FBC) – Komishiniin Guumrukaa fi Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii sirna waljijjiirraa odeeffannoo ammayyaa hojiirra oolchuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Odeeffannoo seeraan qabuu, waljijjiiruu fi gulaaluun yoo danda’ame, kenniinsa tajaajilaa foyyeessuurra darbee daldaltoota seeraan alaa gara seera qabeessummaatti fiduuf haala mijataa kan uumu ta’uu isaa Komishinarri Komishinii Guumrukaa obbo Dabalee Qaabataan ibsaniiru.
Biyyoonni akka Chaayinaa, Raashiyaa fi Kooriyaan odeeffannoo gara qabeenyaatti jijjiiruun tajaajila waqtaawaaf fayyadamaa jiraachuu ibsuun, Teeknooloojii ammayyaa oomishuuf odeeffannoon akka galteetti kan fayyaduu fi madda galii ta’uu Komishinarichi ibsaniiru.
Komishinichi dhaabbilee mootummaa biyya keessaa fi Komishinii Gumruukaa Chaayinaa waliin waljijjiirraa fi qabiinsa odeeffannoo hojiirra oolchuuf waliigaltee mallatteessuu ibseera.
Odeeffannoon ammayyaa fi qulqulina qabu sirna daldalaa cimsuuf, galii keessaa fi alaa fooyyeessuuf, imaammata baaftootaaf, guddina diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaaf shoora olaanaa qabaachuu isaan dhaabbilee fi qaamni dhuunfaan kamiiyyuu yaada odeeffannoof qabu fooyyeessuu akka qabu Ministirri Deettaan Ministeera Daldalaa fi Indaastirii Ambaasaaddar Mizgaanuu Argaaw ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment