Kennaa uumamaa qabnu gara misoomaatti jijjiiruun hiyyummaa keessaa ba’uuf hojjetamuu qaba – Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Guraandhala 7, 2016 (FBC) – Kennaa uumamaa qabnu gara misoomaatti jijjiiruun hiyyummaa keessaa ba’uuf hojjetamuu qaba jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan.

Mariin ummataa mata duree ‘obbolummaa sabdaneessaa nageenya waaraa fi badhaadhina hunda galeessaaf’ jedhuun naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa magaalaa Hoosaa’iinaatti gaggeeffameera.

Rakkoolee diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa furuun kennaa uumamaa dhalootaaf darbu qabaachuun murteessaa ta’uu ummata kan mariisisaan Obbo Fiqaaduu Tasammaan eeraniiru.

Kennaa uumamaa qabnu fayyadamuun hiyyuummaa keessaa ba’uuf qophii ta’uun barbaachisaa akka ta’e eeruun, kanaaf ammoo hirmaannaan ummataa murteessadha jedhan.

Paartiin badhaadhinaa rakkoolee akka biyyaatti mudatanii fi carraalee jiran adda baasuu himaniiru.

Mootummaan nageenyaa fi tasgabbii ummataa kabachiisuu, carraa hojii uumuu, qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu fi gaaffiilee ummataa biroo deebisuuf hojjechaa jiraachuu marii ummataa gaggeeffameerratti waliigalamuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment