Keeniyaatti weerarri Kooviid -19 irra deebiin babal’achuu hordofee ummanni haguuggii fuulaa akka fayyadaman labsame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Keeniyaatti weerarri Kooviid -19 hir’atee ture irra deebiin babal’achuu fi filannoon biyyattii dhiyaachuu hordofee lammiileen haguuggii fuulaa akka fayyadaman labsameera.
Lammiileen iddoo kamittuu haguuggii fuulaa fayyadamuun dirqama ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa biyyattii Muktaar Kaagween hubachiisaniiru.
Guyyaa kaleessaa namoota qorannoon laabraatoorii taasiifameef kuma 1 fi 993 keessaa namoota 252 irratti vaayirasichi argamuu eeraniiru.
Ministeerri Fayyaa biyyattii bara Faranjootaa 2022 baatii Bitootessaa eegalee labsii dirqama haguuggii fuulaa fayyadamuu kaasee ture.
Kana hordofee biyyattiitti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa dhufuu Daayrektarri Fayyaa Hawaasaa Dooktar Firaansiikoo Kuuriyaan ibsaniiru.
Xumura Baatii Eebilaa weerarri Kooviid -19 6ffaan ka’uu akka danda’u qorattoonni of eeggannoo laachuu isaanii ‘The East Africa’n gabaaseera.
Keeniyaan Hagayyaa 9,filannoo biyyaalessaa ni gaggeessiti.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment