Finfinnee, Onkololeessa 23, 2017 (FBC)- Keeniyaatti mana hidhaa kan turan lammiilee Itiyoophiyaa 276 gara biyyaatti deebisuu Keeniyatti Embaasiin Itiyoophiyaa beeksise.
Itiyoophiyaanonni kunneen daddabarsitoota namootaa seeraan alaatiin gowwoomfamanii gara Afrikaa Kibbaatti ce’uuf yeroo yaalan Poolisii Keeniyaatiin to’atamuun manneen hidhaa adda addaa 11 keessa akka turan himameera.
Deebitoonni kunneen tattaaffii Embaasiin Itiyoophiyaa Keeniyaatti argamuu taasiseen gadi lakkifamuun gara biyyaatti akka deebi’an ragaan embaasicharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ethiopia