Finfinnee, Muddee 10, 2014 (FBC) – Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti hiriirri giddu seentummaa dhimma keessoo Ityoophiyaarratti biyyoota Lixaan taasifamu balaaleffatu gaggeeffameera.
Hiriiricharratti Ityoophiyaanonni Keeniyaa jiraatan, dhalattoonni Ityoophiyaa fi michuuwwan ishee hirmaataniiru.
Hirmaattonni hiriirichaa dhiibbaa haqa maleessa humnoota kessaa fi Alaan Ityoophiyaarratti taasifamu balaaleffataniiru.
Dhiibbaa kana qolachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaa ilaalchisee odeeffannoo sobaa miidiyaaleen idil addunyaa tokko tokko tamsaasan balaaleffataniiru.
Tarkaanfii mootummaan uummataan filatame fudhachaa jiru kan deeggaran ta’uu ergaawwan isaaniin ibsuu ragaan Keeniyaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.