Keeniyaatti gatiin Daakuu boqqolloo akka nyaata ijootti tajaajilu walakkaan hir’achuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 14, 2014 (FBC) – Keeniyaatti Gatiin Daakuu Boqqoolloo akka nyaata ijootti tajaajilu walakkaan hir’achuu gabaafameera.
Pireezidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan shagaxaalee bu’uuraarratti daballiin gatii mul’achuu hordofee biyyattiitti qaala’iinsa jireenyaa muudachuu danda’u qolachuuf tarkaanfii kana fudhachuu isaanii himameera.
Keeniyaataan fooyya’iinsa gatii kana kan taasiisan warshaalee qindeessa Boqqoolloo waliin guyyootaaf marii erga taasiisanii booda ta’uu ibsameera.
Gama biraatiin paartileen morkattoota Keeniyaa pireezidaantichi filannoon biyyaalessaa bara 2022 gaggeeffamuuf wayita torban sadii hafutti gatii daakuu boqqolloo sirreessuun isaanii deeggartoota isaanii kakaasuun filannoo injifachuufi jechuun qeeqaa jiru jedhame.
Daballiin gatii waliigalaa biyyattii % 7.9 guddachuu Biiroon Istaatiistiiksii Keeniyaa beeksiseera.
Meeshaalee bu’uuraarratti ammoo daballiin gatii % 13.8 guddachuu ibseera.
Maddi:-BBC fi CGTN
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment