Keeniyaatti balaa ibiddaa Mana Barumsaarraa qaqqabeen lubbuun barattoota17 darbe

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC)- Keeniyaatti balaa ibiddaa mana Barumsaa sadarkaa1ffaarra qaqqabeen lubbuun barattoota17 darbuun ibsame.

Balichi giddugala Keeniyaatti kan argamu Mana baruumsa Sadarkaa1ffaa ‘Hill Saayid’ jedhamuti kan mudate ta’uun eerameera.

Balichaan barattoonni 17 lubbuun kan darban yoo ta’u,14 irra immoo miidhaan qaamaa qaqqabuun ibsameera.

Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon, ka’umsi balichaa qoratamuun qaamoleen balichaaf sababa ta’an seeraaf akka dhiyaatan gaafachuu ‘Reuters ‘ gabaaseera.

Keeniyaatti waggoottan dhiyoo as balaan ibiddaa manneen Barnootaa keessatti irra deddeebiin kan muudatan yoo ta’uu bara 2001 as barattoonni 70 ol lubbuun darbu kan yaadatamudha.

Comments (0)
Add Comment