Keeniyaan nageenyaa fi Badhaadhinaa Ityoophiyaaf deeggarsa taasiiftu cimsite kan itti fuftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Keeniyaan nageenyaa fi Badhaadhinaa Ityoophiyaaf deeggarsa taasiiftu cimsite kan itti fuftu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Keeniyaa Ambaasaaddar Reeyishal Oomaamoo ibsaniiru.
 
Daawwannaa Hojiif Ityoophiyaa kan jiran Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Keeniyaa Ambaasaaddar Reeyishal Oomaamoon dhimmoota waloorratti Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin waliin mari’ataniiru.
 
Obbo Dammaqaan marii sadee hidha Haaromsaa, waldhabdee daangaa Ityoo –Sudaanii fi rakkoo nageenyaa Kaaba Ityoophiyaa naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
 
Mootummaan Keeniyaa waltajjii mana maree nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti Ityoophiyaaf aantummaa agarsiise mootummaan Ityoophiyaa galata olaanaa qabaachuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
 
Ityoophiyaan damee hundaan Keeniyaa waliin tumsaan hojjechuuf murannoo fi fedhii olaanaa qabaachuu obbo Dammaqaan ibsuu isaanii Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftiin ibsa miidiyaaleef laataniin himaniiru.
 
Ityoophiyaa fi Keeniyaan hariiroo bara dheeree lakkoofsiise qabaachuu Ambaasaaddar Reeyishal ibsaniiru.
 
Hariiroo biyyoota lamaanii bu’uuraalee misoomaa, Diinagdee, Hawaasummaa fi Dhimmoota siyaasaan caalmaatti cimsuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
 
Keeniyaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu kallattii hundaan cimsuuf nageenyaa, Badhaadhinaa, Birmadummaa fi dhimmoota biroorratti deeggarsa taasiiftu itti fufti jedhan Ambaasaaddar Reeyishal Oomaamoon.
 
Wandawasan Araggaanyitu gabaase.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment