Keeniyaan misooma Tuurizimirratti Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC ) – Keeniyaan misooma Tuurizimirratti Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu Keeniyaatti Imbaasiin Ityoophiyaa beeksise
 
Ityoophiyaa fi Keeniyaan misooma damee Tuurizimii waliin giddisuuf qindoominaan haala hojjechuun danda’amurratti Keeniyaatti Ambaasaaddaarri guutuun FDRI Imbaasii Ityoophiyaa Mallas Alam, Ministira Ministeera Tuurizimi fi qabeenya Bineensa bosonaa Keeniyaa Bajiib Baalaalaa waliin mari’ataniiru.
 
Keeniyaan misooma damee Tuurizimirratti Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu Ministirichi Ambaasaaddar Mallas Alamitti himaniiru.
 
Ityoophiyaa fi Keeniyaan iddoolee hawwata Turistii hedduu qabaachuu Ambaasaaddar Mallas ibsaniiru.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa damicha daraan miidhuu eeraniiru.
 
Ministiroonni Tuurizimii, Daandiwwan Qilleessaa fi daawwachiiftoonni biyyoota lamaanii damicha baraaruuf waliin hojjechuu akka qaban dubbataniiru.
 
Ityoophiyaan Turistoota weerara vaayrasii koroonaarra ittisuuf qophii taasisuu Ambaasaaddar Mallas Ministirichaaf ibsaniiru.
 
Biyyoonni lameen waltajjii waloo viidiyoo koonfaransiin yeroo dhiyootti qopheessuuf walii galteerra ga’amuu ragaan Imbaasicharraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment