Keeniyaan lammiileen Afrikaa Viizaa malee bulchiinsa ishee akka seenaan eeyyamuufi

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2016 (FBC) – Keeniyaan lammiileen Afrikaa Viizaa malee bulchiinsa ishee akka seenaan eeyyamuufi ta’uu Pireezidaantiin biyyattii Wiiliyaam Ruutoon ibsan.

Keeniyaan Hariiroo daldalaa biyyoota ollaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf murtoo kanarra ga’uu Pireezidaanti Ruutoon ibsaniiru.

Biyyoota Baha Afrikaa keessatti ulaagaan viizaa fi taarifa haqamuu irraa kan ka’e daldalli haalaan dabaluu isaa eeraniiru.

Akkasumas, haaluma Yaa’ii Gamtaa Afrikaatiin waliigalameen, Naannawaa Daldala Bilisaa Ardii Afrikaa hojiirra oolchuuf taarifni Gumurukaa ardii Afrikaa hir’isuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Haaluma kanaan bara Faranjootaa 2024 lammiilee Afrikaa gara Keeniyaatti imaluuf fedhii qaban hundaaf Viizaan kan hin barbaachifne ta’uu himuu barruun Kilaayimeet Cheenji gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment