Keeniyaa fi Somaaliyaan hariiroo isaanii fooyyeessuuf walii galan

Finfinnee, Hagayya 3, 2013 (FBC) – Keeniyaa fi Somaaliyaan hariiroo Dippiloomaasii, Daldalaa fi waloo bara dheereef laafee ture fooyyeessuuf walii galaniiru.

Waliigalteen kun marii waloo ministiroonni biyyoota lamaanii Magaalaa Moqaadishootti taasiisan hordofee ta’uu ibsameera.

Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa marii waloon booda ibsa laateen biyyoonni lamaan dhimmoota waloorratti yeroo itti aanu kan mari’atan ta’uu beeksiiseera.

Dhimmoota Dippiloomaasii, Daldalaa, Qonnaa, Barnootaa, Raayyaa Ittisaa, Tuurizimii fi kanneen biroorratti mariin xiyyeeffate kan gaggeeffamu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa ibsa baaseen eereera.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment