Keellaa fi Buufata Fayyaa babal’isuuf hojjetamaa jira – Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC) – Tajaajilaa fayyaa dhaqqabama taasisuuf Keellaa fi Buufata Fayyaa babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Bokonaa Guutaan himan.

Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti Muuxannoo gaggaarrii wal jijjiiraa sadarkaa dhaabbilee Fayyaa Bu’uuraa Magaaloota Oromiyaa jidduuti gaggeefama jira.

Magaalaa Shaashamanneetti Dhaabbileen fayyaa dhuunfaa fi Mootummaa 278 hawaasaf tajaajilaa fayyaa kennaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjiraa Fayyaa Magaalichaa Obbo Sulxaan Huseen ibsaniiru.

Dhaabbilee babal’isun hawaasaaf tajaajila qulqulluufi si’aata kennuuf Biirichii hojjetaa jiraachuu Dooktaar Bokonaa Guutaan himaniiru.

Jiraattoonni naannichaa miiiliyoona 30 ol ta’an tajaajila inshuuransi fayyaa hawaasaa argachaa jiraachuu kaasaniiru.

Hoggantoonni fi oggeeyyin yaala fayyaa magaaloota Oromiyaa garaagararraa walitti babba’an Dhaabbilee fayyaa Bu’uuraa Magaalaa Shaashamannee daawwataniiru jedhame.

Lammaa Tasfaayeetuu gabaasee.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment