Ka’umsii fi Ga’umsi Waliigaltee Piriitooriyaa heeraa fi dhaabbilee heera mootummaa kabajuudha-TKM

Finfinnee, Hagayya 6, 2016 (FBC)- Ka’umsii fi ga’umsi waliigaltee Piriitooriyaa heeraa fi dhaabbilee heera mootummaa kabajuudha jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi haala yeroo ilaalchisuun ibsa baaseera.

Ibsichaan Mootummaan Federaalaa, seera qabeessummaa ‘TPLF’ fi dhimma galmaa’uu ilaalchisee Waliigaltee Piriitooriyaa keessatti itti gaafatamaa addaa yookaan dirqamni akka hinkennamneef ibseera.

Akkasumaas ‘TPLF’ bu’uura waliigaltee Piriitooriyaa keeyyaata 7(1) (A) tiin heera biyyattii, seerotaa fi aangoo dhaabbilee federaalaa fi dhaabbilee heeraa biroo akka kabajuu waliigaluu eereera.

Kanaaf, ‘TPLF’ seera galmee paartilee siyaasaa biyyattii fi aangoo Boordii Filannoo kabajuun hojjechuuf dirqama akka qabu ifa ta’uu beeksiseera.

Kanaaf akkaataa waliigaltee Piritooriyaan, seeraa qabeessummaa TPLF, bu’uura seeraa fi hojmaataa Boordii Filannoon qofa dhimma furmaata argatu ta’uu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment