Karriwwan Hidha Haaromsaa sekondii tokkotti Bishaan Meetir Kiyuubii kuma 2 fi 800 dabalataan dhangalaasuu eegalaniiru -Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 19, 2016 (FBC) – Yaa’insi Lagichaa osoo hin gufatin karrawwan Hidha Haaromsaan sekondii tokkotti Bishaan Meetir Kiyuubii kuma 2 fi 800 dabalataan dhangalaasuu eegaluu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Kun ammoo biyyoota Yaa’a gadii laga Abbayyaaf missiraachoo dabalataati jedhan.

Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa yaa’insa bishaanii to’achuu fi sodaa balaa lolaa hir’isuun biyyoonni yaa’aa gadi dhiyyeessi bishaanii akka argatan taasiisa jedhan Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Hammi bishaanii madaallawaa fi to’annoon gadi lakkifamu kun qonnaaf, Hojii Anniisaa Maddisiisuu fi itti fayyadama qabeenyaa diinagdee naannawichaa guddisuuf daraan kan fayyadu ta’uu eeraniiru.

Comments (0)
Add Comment