Karri Gaazaa gara Ijiptitti ceesisu Raafahi yeroo jalqabaaf baname

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2016 (FBC) – Erga waraanni Isiraa’eelii fi Hamaas eegalame Karri Gaazaa gara Ijiptitti ceesisu Raafahi yeroo jalqabaaf banameera.

Ambuulaansoonni namoota miidhaman fe’an Gaazaa gara Ijipti seenaa kan jiran yoo ta’uu, miidhamtoonni muraasni Ijipti ga’uu isaanii eerameera.

Marsaa jalqabaa kanaan lammiileen Filisxeem miidhaan irra qaqqabe 88 fi lammiileen biyyoota alaa 500 ta’an gara Ijipti akka seenaan eeyyamamuu Al Jaziiraan gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment