Karoorri waggaa 10 Ityoophiyaa biyyoota naannichaa misoomaan kan walitti hidhuudha – Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC) – Karoorri waggaa 10 Ityoophiyaa biyyoota naannichaa misoomaan kan walitti hidhu ta’uu Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsan.
Preezdaant Saahilawarq karoora waggaa 10 Ityoophiyaa ilaalchisee dhaabbilee deeggartoota misoomaa fi dippiloomaatoota waliin marii taasiisaniiru.
Karoorichi Ajandaawwan Gamtaa Afrikaa 2063 waliin hidhata kan qabu ta’uu dubbataniiru.
Dabalataan Mootummaa fi dhaabbileen dhuunfa walitti hidhamiinsaan jijjiirrama akka fidan kan gargaarudha jedhan.
Karoorichi waggaa 10 keessatti hiyyummaa hir’isuu, jijjiirrama caasaa fiduu fi ulaa Diinagdee Maayikiroo guutuuf kan dandeessisuudha jedhame.
Bisiraat Mallastu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment