Karoorri qonna ceesisuuf qabame beekumsaan kan duurfameefi bu’uura saayinsaawaa akka argatu taasisuu keenyaan lafa qabachaa jira – Pir. Shimallis

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC) – Karoorri qonna keenya ceesisuuf qabanne beekumsaan kan duurfameefi bu’uura saayinsaawaa akka argatu taasisuu keenyaan lafa qabachaa jira jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Hojii gama qorannoo qonnaatiin raawwatameen, iddoowwan kana dura margee hin beeknetti misooma qamadii babal’dhisuu danda’aa jirra.

Waggoota afur dura, jalqaba sochii kanaa irratti, uwwisni waliigalaa qonna qamadii Gannaafi jallisii hektaara kuma 900 irra ture bara oomishaa 2014/15’tti hekteera miiliyoona 2.5 irraan gahamuu ibsaniiru.

Bara oomishaa 2015/16 kanatti ammoo mala saayinsaawaa gama dhaabbilee qorannoo qonnaatiin argaman bal’dhinaan fayyadamuun lafa gamoojjii hanqina roobaa qabanitti jallisiifi rooba xiqqaa argametti fayyadamuun babal’dhisuun gara hekteera miiliyoona 4.7’tti dachaan ol guddisuudhaan callaa kuntaala miiliyoona 180 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Godina Harargee Lixaa gammoojjii aanaa Mi’eessootti qamadiin misoomaa jiru haala gaarii irratti kan argamu yoo ta’uu, Kana dura, Naannawa kanatti qamadiin kan hin omishamne qofa osoo hin taane, sababa gamoojjummaatiin hawaasni keenya ‘sagantaa “safetynet” irratti hirkachuuf kan dirqame ture.

Ulfinni qorattoota Dhaabbilee Qorannoo Qonnaa, Ummata keenya yaada kana nurraa fudhateefi hoggansa keenya maraaf haa ta’uutii, boqonnaan seenaa haaraa banuutti jira jedhaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment