Finfinnee, Sadaasa 28, 2015 (FBC) – Karoorri Qamadii biyya keessatti Oomishuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu milkaa’aa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiise.
Jilli hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa, Obbo Geetuu Gammachuun durfamu Godina Harargee Bahaa Aanaa Haramaayaatti facaasaa Qamadii Jallisii Bonee jalqabsiiseera.
Godina Harargee Bahaati lafa Jallisii boneen misoomsuuf hojjetaam jiru hektaara kuma 26 keessaa hanga ammaatti hektaarri kumni 16 ol misoomuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Geetaahun Nigaatuu himaniiru.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa, Obbo Geetuu Gammachuu karoorri Qamadii Oomishuun Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu milkaa’aa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.