Karoorri oomisha qamadii biyya alaatif erguuf qabame akka milkaa’u agarsiistuuwwan mul’ataa jiru- Obbo Abarraa Warquu

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Karoorri oomisha qamadii biyya alaatif erguuf qabame akka milkaa’u agarsiistuuwwan mul’ataa jiraachuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu himaniiru.

Obbo Abarraan kana kan dubbatanis wayita oomisha qamadii bonee Godina Baalee daawwatanittidha.

Akka Godina Baaleetti bara kana qamadii jallisii marsaa jalqabaan lafa hektaara kuma 19 fi 519 misoomsuuf karoorfachuun lafti hektaarri kumni 18 fi  450 misoomuu itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Aliyyi Mohaammed himaniiru.

Oomisha kuntaala kuma 9 fi 22 ol walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Obbo Aliyyi Mohaammed kaka’umsa dhuunfaatin qonnaan bultoonni bishaan lafa jalaa baasan oomishni oomishan abdii guddaadha jedhaniiru.

Caalmaatti akka oomishaniif ammoo galtee barbaachisu ni guutamaaf jedhaniru.

Qonnaan bultoonni ganda Shanakkaa sababa rakkoo bishaaniitin lafa waggaa dheeraatiif misooma malee taa’aa ture bishaan.lafa jalaa qotuun baasuun misooma qamadii bonaan haala muuxannoo gaarii ta’uu danda’uun gaggeessaa jiran kan dinqisiifatan Obbo Abarraan  muuxannoon kun Godinaalee biroof akka qoodamuuf haala ni mijeessina jedhaniiru.

Hojiin amma misooma qonnaa qamadiirratti  hojjetamaa jiru midhaan nyaataan of-danda’uurra tarree karoora oomisha qamadii alatti erguuf qabanne yeroo gabaabaa keessatti milkeessuun akka danda’amu kan akeeku ta’uu himaniiru.

Addis Taammiraatu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment