Karoorri misoomaa Ityoophiyaatti eegalame akka itti fufuuf deeggarsi Baankiin Addunyaa taasisu itti fufa- Taawoofiilaa Niiyaamaadizaaboo

Finfinnee, Bitootessa 13, 2014 (FBC)- Karoorri misoomaa Ityoophiyaatti eegalame akka itti fufuuf deeggarsi Baankiin Addunyaa taasisu kan itti fufu ta’uu hojii raawwachiisaan boordii Baankii Addunyaa Taawoofiilaa Niiyaamaadizaaboo ibsan.

Daayrektarichi guyyaa har’aa Muummee Ministiraa Abiy Ahimad waliin godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaatti misooma qamadii bonee lafa heektaara dhibba 5 fi 64 irratti misoome daawwataniiru.

Ityoophiyaatti dandeettii misoomaa bal’aan akka jiru gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Simannaa taasifameef galateeffachuun Karoorri misoomaa Ityoophiyaatti eegalame akka itti fufuuf deeggarsi Baankiin Addunyaa taasisu kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment