Karoorri misooma Paarkiiwwan Indaastirii itti fufiinsan hogganuuf dandeessisu ifoome

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Korporeeshiiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii gabaasa qorannoo Ispaashaalii guddina damee Indaastirii Paarkiwwanii milkeessuu fi qajeelchuuf dandeessisuurratti waltajjii marii qopheessera.

Waltajjii kanarratti hoggantoonni olaanoon hojii mootummaa fi qooda fudhattoonni hiramaataniiru.

 

Qorannoon Ispaashaalii waggoota 20n itti aananiif misooma paarkiwwan Indaastirii qajeelchu danda’u qopha’uu hojii raawwachiisaa olaanaan Paarkiwwan Indaastrii obbo Saandokaan Dabbabaa himaniiru.

 

Qorannichis akka biyyaatti kan jalqabaa fi qabeenya lafaa biyyattiin qabdu irratti hunda’uun kan qopha’eedha jedhan.

 

Paarkiwwan Indaastirii ammaa jiru hogganuurra darbee kanneen gara fuuladuraatti hundaa’an hundeeffama isaanirraa eegalee qajeelchuuf faayidaa olaanaa qabaachuu eerrameera.

 

Fayyadamummaa haqa qabeessummaa paarkiiwwan Indastrii, gaaffiwaan bu’uuraalee misoomaa deebisuu fi iddoo kamitti  Paarkiin Indaastirii akkamii ijaaramuu qaba jedhu deebisuuf kan dandeessisu ta’uu himameera.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment