Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC) – Mootummaan Federaalaa karoora Ityoo Teeleekoom gariiniin dhuunfaatti jijjiiruu yeroo biraatti akka darbuu murtoo dabarsuu Ministeerri Maallaqaa beeksiseera.
Ministeerri Maallaqaa ibsa ergeen, Ityoo Teeleekoom biyya keessaattis ta’e alaatti jijjiirrama diinagdee maaykirootiin argamaniin ariifataa dhufe hordoofee dhaabbaticha gara dhuunfaatti gariin jijjiiruuf karoorri qabamee ture yeroo biraatti akka darbu murtaa’uu beeksiseera.
Mootummaan waggaa darbee baatii Fulbaanarratti Ityoo Teeleekoomiin qooda % 40 damee dhuunfaatti gurguruuf karoorseet ture.
Kanaan walqabsiisee mootummaa qaamolee fedhii qaban waliin marii taasisuun isaa ni yaadatama.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.