Karoorri invastimantii Afrikaa-Awurooppaa Yuuroo biiliyoonni 100 fi biiliyoona 50 ifoome

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)- Karoorri invastimantii Afrikaa-Awurooppaa Yuuroo biiliyoonni 100 fi biiliyoona 50 ifoomeera.

Yaa’iin Gamtoota Afrikaa fi Awurooppaa 6ffaa Beeljiyeem Biraasilsiitti gaggeeffamaa ture xumuramu hordofee dhimmoota waliigalteen irra ga’aameerratti yaa’ichi ibsa waloo laataniiru.

Qabxiiwwan saddeet kan qabu ibsi yaa’ichaa tumsa gamtaa Afrikaa fi Awurooppaa cimsuufi dhimmoota waloorratti tumsaa cimaa taasisuuf murannoo akka qaban ibsaniiru.

Biyyootaaf nageenya amansiisaa, misooma diinagdee waaraa fi badhaadhinaa fiduuf waloon hojjechuun muula’ata isaanii akka milkeessaan mirkaneessaniiru.

Gamtaan Awurooppaa mirkaneessaa wabii nyaata Gamtaan Afrikaa qopheesseerratti xiyyeeffannoo kan taasisee erga 2022 akka deeggarus ibseera.

Raabsaa talaallii  vaayrasii koroonaa addunyaa weerarerratti haqni jiru akka sirratuu fi hundaf akka qaqqabuu gamtoonni lameen waloo akka hojjetan ibsichaa eerrameera.

Gamtaan Awurooppaa hanga walakkaa waggaa 2022tti talaallii vaayrasii koroonaa doozii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 50 Afrikaa akka laatuu mirkaneesseera.

Yuuroo miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 25 ramaduun oomisha talaallichaa aarifachiisuun, haqa mirkaneessuun ijaarsa dandeetti ogeeyyii fayyaarratti xiyyeeffannoon ni hojjetamaa jedhameera.

Akkasumas badhaadhinaa waloo mirkaneessuuf Karoorri invastimantii Afrikaa-Awurooppaa Yuuroo biiliyoonni 100 fi biiliyoona 50 ifoomeera.

Kuniis damee fayyaa fi barnootaa kan of keessaatti haammatee yoo ta’u Afrikaa-Awurooppaa muul’ata waloo 2030 fi ajandaa 2063 milkeessuu akka danda’uus ibsichaa tarreeffameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment