Karoorri hojii Maree biyyaalessaa bu’aa qabeessaa taasiisuu danda’u qophaa’e

Finfinnee, Mudde 3, 2015(FBC) – Karoorri hojii Maree biyyaalessaa bu’aa qabeessaa taasiisuu danda’u qophaa’uu Komishiniin Maree Biyyaalessaa ibse.

Komishinichi Adeemsaa fi hojmaata ajandaa walitti qabuu ilaalchisee dhaabbilee amantaa, waldaalee qaama miidhamtootaa, bakka buutoota dargaggootaa fi Paartilee siyaasaa waliin mari’ateera.

Komishinarri Komishinichaa Dooktar Yoonaas Addaayyeen, komishinichi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf qophii taasiisu cimsee itti fufuu eeraniiru.

Hojii hojjetamu bu’aa qabeessa taasiisuuf jaarsolii biyyaa, Paartilee Siyaasaa, Waldaalee Siiviikii, miidiyaalee fi naannolee waliin marii hedduu taasiisuun galteewwan argachuu kaasaniiru.

Yeroo ammaas naannolee, Godinaalee, aanaalee fi gandoota waliin marii gaggeessuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu Dooktar Yoonaas eeraniiru.

Kanaafis karoorri fayyadu qophaa’uu dubbataniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment