Karoorri gaaffilee marii guutuu biyyattiitti gaggeeffamerratti ka’an deebisu qophaa’uun hojiitti akka hiikkamaan kallattiin kaa’ame

Finfinnee, Bitootessa 19, 2014 (FBC) – Karoorri gaaffilee marii guutuu biyyattiitti gaggeeffamerratti ka’an deebisu qophaa’uun hojiitti akka hiikkamaan ta’uu Paartiin Badhaadhinaa kallattii kaa’uu beeksiseera.

Paartiin Badhaadhinaa murtoowwanii fi kallattiiwwan yaa’ii 1ffaa dhiyeenya gaggeesseerratti darbe ilaalchisee uummata guutuu biyyattii waliin mariin gaggeessaa ture xumuramuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaatiin beeksiseera.

Mariin gaggeeffamaa ture xumuramuu hordofee guyyaa har’aa sadarkaa giddugaleessatti raawwii waltajjiiwwaniirratti gamaaggama gaggeesseera.

Waltajjiiwwan naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalootaa lamaanirratti yaadoonni ijoon ka’an bakka itti aanaan preezdaantii paartichaa obbo Adam Faaraahi argamaniitti gamaaggamameera.

Gaaffiwwan uummata deebisuu fi rakkoolee jiran furuuf karoorri qophaa’ee hojiitti kan hiikkamu ta’uus waliigalteerra gaa’ameera.

Haaluma kanaan karoorri yeroo gabaabaa, gidduugaleessaa fi yeroo dheeraa qophaa’uun gara hojiitti akka galamu paartichii kallattii kaa’eera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment