Karoorri dhiyeessii humna elektiriikaa Ityoophiyaa dachaa afuriin guddisu qophaa’e

Finfinnee, Amajjii 1, 2012 (FBC) – Karoorri dhiyeessii humna elektirikaa Ityoophiyaa dachaa afuriin guddisuu danda’u qophaa’uun ibsame.

Karoorri haaraan qophaa’e kun waggaa 10 keessatti guutummatti hojiirra kan oolu yoo ta’u, humna bishaan waliin walqabatu gara meegaa waatii kuma 14 kan guddisudha jedhame.

Ityoophiyaan qabeenya bishaaniin meegaa waatii kuma 40 hanga 50 kan ga’u elelktirikii kan maddisiiftuu fi dandeetti oomishuu kan qabdu yoo ta’ellee, biyyattiin hammi humni biyyattiin maddisiiftu meegaa waatii kuma 4 fi400 darbuu hin dandeenye.

Kanumaan walqabatee Ityoophiyaatti fedhiin humna elektirikaa waggaadha gara waggaatti sadarkaa olaanaan dabalaa dhufuun, dhiyeessii humna elektirikaa dachaa afuriin dabaluu karoorri haaraa qophaa’uu Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii beeksiseera.

Karoorichi tajaajila haqa fayyadamummaa fi waliinga’insa kan mirkaneessudha jedhame.

Sadarkaa jireenya lammiilee jijjiiruu aaksumaas guddina diinagdee fi hawaasummaa saffisiisuuf kan kayyeeffate ta’u Deettaan Ministirii Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii Dooktar Firehiywoot Waldahaannaa Faanaa Biroodkaastiing Koorporetitti himaniiru.

Karoora kana keessa sararri elektirikaa amma jiru kiiloo meetra kuma 20 gara kiiloo meetra kuma 34 kan guddisuu fi buufatalee rabsaa elektirikaa 204 gara 256 kan guddisuu akkasumaas lammiilee hunda fayyadamaa kan taasisudha jedhan.

Hamma humna oomishamu gara meegaa waatii kuma 20 kan geessisu yoo ta’u, bishaanirraa meegaa waatii kuma 14, humna aduurraa kuma 1 fi 700, ji’ootarmaalirraa 900 fi qilleensarraa hanga kuma 2 kan ga’u akka oomishamu waajjiri Ministeera Bishaanii, Jallisii fi Inaarjii beeksiseera

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment