Karoorawwan misoomaa damee hundaan eegalaman milkeessuun badhaadhina ni mirkaneessina- Preezdaant Muusxafee Mahaammad

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Karoorawwan misoomaa damee hundaan eegalaman milkeessuun badhaadhina ni mirkaneessina jedhan Preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Somaalee obbo Muusxafee Mahaammad.

Preezdaant Muusxafeen hojiilee naannichi Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin hojjeturratti hoggantoota dhaabbatichaa waliin magaalaa Jigjigaatti mari’ataniiru.

Marichaan qormaatilee nu mudatan kamiinuu injifannoon keessaa ba’uunii fi birmadummaa Ityoophiyaa mirkaneessuun maqaashee waltajjii addunyaarratti jabeessinee ni kaasna jedhaniiru.

Injifannoowwan garee shororkeessaa ABUT irratti argaman ceesisuunii fi nageenya biyyaa mirkaneessuun uummata fayyadamaa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojiileen misooma magaalaa, jallisii, horsiise bultootaa fi bishaanii naannichatti eegalame fayyadamummaa uummata naannichaa mirkaneessuuf ga’een isaanii olaanaa ta’uu eeraniiru.

Ga’een ajandaa uummataarratti hojjechuu kan miidiyaa ta’uu kaasaniiru.

Faanaa Broodkaastiing Koorporeet ammoo hanga uwwisaa, hordoftootaa fi dhageeffattoota qabuun naannichaaf uwwisa bal’aa ta’e kennuun ergama isaa ba’achuu qaba jedhaniiru.

Hojii raawwachiisaa olaanaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeet obbo Admaasuu Daamxoo gamasaaniin, olola sobaa akka biyyaatti nurratti baname fashaleessuunii fi dhugaa  jiru hawaasa addunyaatti mul’isuun uummata keenyaaf gaachana ni taana jedhaniiru.

Ajandaa uummataaf xiyyeeffannoo kennuun mootummaa naannichaa waliin ni hojjenna jedhaniiru.

Naannichatti waggoota sadan darbanitti dameewwan hundaan hojiileen misoomaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan hedduun hojjetamuu ibsuun muuxannoo gaarii kana babal’isuuf odeeffannoowwan waliin gahuun Faanaa Broodkaastiing Koorporeet ga’ee isaa kan ba’atu ta’uu obbo Admaasuun ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment