“Karoora Xiiqii” milkeessuuf xiiqii fi kaka’uumsa olaanaan raawwatamuu qaba-Pir. Shimallis Abiidaa

Finfinnee, Hagayya 13, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti karoora bara 2016 “Karoora Xiiqii” milkeessuuf xiiqii fi kaka’umsa olaanaan raawwatamuu akka qabu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan akeekan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasumma isaaniin, kallattiiwwan xiyyeeffannoo karoora bara 2016 eeraniiru.

Haaluma kanaan, “Karoora Xiiqii” milkeessuuf, raawwataa gahumsa qabu ta’uu yookaan qopheessuu, galii sassaabuuf xiyyeeffannaan hojjechuu, inisheetiivootaaf xiyyeeffannaa kennuun raawwachuu, carraa hojii uumuu fi qusannaa jabeessuu, sirna bulchiinsaa fi tajaajila cimaa diriirsuu fi al-seerummaa to’achuun karoorichaa milkeessuuf murteessa ta’uu ibsaniiru.

Hoggansi jijjiiramaas inisheetivoota gurguddoo sadarkaa naannootti hojjetamaa jiran cinaatti, carraa fi dilbii naannawa isaa jiru adda baasee beeku fi karoorsuun, hojii isaa kalaqaa fi ariitiin masakee “Karoora xiiqii” milkeesuuf xiiqii fi kaka’uumsa olaanaan akka raawwatu amantaa qaban Obbo Shimallis ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment