Karoora waggaa 10 qabame milkeessuuf waldaaleen siiviikii ga’eesaanii ba’achuu qabu jedhame

Finfinnee, Hagayyaa 14, 2012 (FBC) – Karoora waggaa 10 qabame milkeessuuf waldaaleen siiviikii ga’eesaanii akka ba’atan Koomiishiniin Plaanii fi Misoomaa gaafate.
 
Koomiishinichi waldaalee siiviikii waliin karoora waggaa 10 irratti mari’ateera.
 
Koomiishinarri koomiishinichaa Dooktar Fitsuum Asaffaan ka’umsa, amalaa fi dandeettii karooricha milkeessuuf gargaaran dhiyeessaniiru.
 
Karoorri waggaa 10 kun fedhii hawaasaa bu’uureffatee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.
 
Karoorichatti yammuu galamu jijjiirramni diinagdee, diinagdeen dhiibbaaf saaxilamaa ta’e, hanqinni sharafa alaa gufuulee ta’uu akka malan ka’eera.
 
Guficha dandamachuuf guddina diinagdee fi dhaabbilee ciccimoo ijaarun barbacahisaa ta’uunis eerameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment