Karoora tarsiimowaa Yuunvarsiitiwwanirratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 28, 2013 (FBC) – Karoora tarsiimowaa Yuunvarsiitiwwanirratti magaalaa Adaamaatti mariin gaggeeffamu Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa olaanoo ibse.

Hanga ammaatti imaamanni, tarsiimoo fi sanagantaan dhaabbilee olaanoo bara 1986 qophaa’etu hojiirra oolaa jiraachuu Ministir deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Dooktar Saamu’eel Kiflee ibsaniiru.

Dhimmoonni imaammatichi milkeesse akkuma jirutti ta’ee badhaadhina hunda galeessa biyyattii haala milkeessuun danda’amurratti qorannoowwan dhiyaachuun irratti mari’atamuu kaasaniiru.

Qorannoo gaggeeffame bu’ura taasiisuun karoorri barnootaa biyyattii qophaa’uu eeraniiru.

Riiformichaan ogeeyyii qonna, damee indaastirii, albuudaa, Infoormeeshiin Koomiinikeeshiin teeknooloojii fi Tuurizimiin ga’ooman oomishuu fi qorannoo rakkoo furuu danda’an gaggeessuun irraa eeggama jedhan.

Dhaabbileen barnootaa olaanoon tajaajila hawaasummaa babal’isuu, humna namaa ga’umsa qabu oomishuu fi madda yaadaa fi beekkumsaa ta’uun dandeettii dippiloomaasii dabaluu qabu jedhame.

Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee barnootaa olaanoo sanada imaammata furtuu ta’an 21 kan qabuu fi sanadoota ka’umsa sagantaalee 6 bocuu maricha keessatti ka’eera.

Maricharratti hoggantoonni olaanoon Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo, hoggantoonni dhaabbilee waamamtootaa, hoggantoonni olaanoon Yuunvarsiitiwwanii fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hirmaachuu ragaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoorraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment