Karoora Nageenya Filannoo biyyaaleessaa Mana Maree Nageenyaa Biyyaaleessaan qophaa’eerratti qaamoolee qooda fudhattoota federaalaa fi naannoolee waliin marii’atame

Finfinnee, Muddee 18, 2013 (FBC) – Karoora Nageenya Filannoo biyyaaleessaa Mana Maree Nageenyaa Biyyaaleessaan qophaa’eerratti qaamoolee qooda fudhattoota federaalaa fi naannoolee waliin marii’atame.
Karoorri kunis filannoo fuula duraa haqa qabeessa, amanamaa, nagaa qabeessa fi dimookiratawaa akka ta’uu dandeessisuuf kan qopha’eedha.
Waltajjii marii karoora filannoo Walitti Qabduun Boordii Filannoo Burtukaan Miidhaksaa fi Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Qana’aa Yaadataa akkasumaas dhimmamtoonni federaalaafi naannoo hirmaataniiru.
Waltajjii kanarratti poolisiin Federaalaa, Abbaan Alangaa Waligalaa, hoggantoonni nageenya odeeffannoo, akkasumas Bulchitoonni Naannoolee hundaafi bulchinsa magaaloota, Kaantiiboonni,hoggantoonni biiroo nageenyaa fi tasgabbii, koomishnaroonni poolisii argamaniiru.
Biyyattiin filannoo biyyaalessaa bara 2013 gaggeessituuf gareen nageenya filannoo hunda’uu Burtukaan himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment