Karoora misoomaa waggaa 10 irratti mari’atame

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Karoora misoomaa waggaa 10 irratti Waajjira Muummee Ministiraatti mari’atame.
 
Marichi mata duree ” Ityoophiyaa; fakkeenya badhaadhina” jedhuun kan gaggeeffame yoo ta’u, muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggansi olaanoon irratti hirmaataniiru.
 
Karoorri waggaa 10 kun bara 2013 hanga 2022 hojiirra kan ooludha jedhameera.
 
Kaayyoon karoorichaa guddina diinagdee fiduu, damee inarjii guddisuu, oomishtummaa fi dorgomtummaa guddisuu, misooma magariisaa faalama naannoo ittisu mirkaneessuu, jijjiirrama sirnaa fiduu, hirmaannaa fi fayyadamtummaa dubartootaa fi dargaggootaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuu, damee diinagdee dhuunfaa fulduratti fiduurratti kan xiyyeeffatedha.
 
Galii nama dhuunfaa waggaa 10 keessatti jiddudaleessan %2 guddisuu kan dabalatudha jedhameera.
 
Bara 2022tti ummata sadarkaa hiyyummaa hamaa keessa jiru; kan amma %19 irra jiru %7tti hir’isuu kan kaayyeffatedha.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment