karoora misooma daandii Waggaa 10 irratti marii’atame

Finfinnee, Amajjii 15, 2013 (FBC ) – karoora misooma daandii Waggaa 10 irratti marii’atame.
Karoora Misooma daandii Waggaa 10 fi daandiwwan Naannoo Afaaritti hojjetaman fi gara fulduraatti kan diriirfaman Sagantaa misoomaa daandii irratti mariin gahee naannoolee irratti xiyyeffate Magaalaa Samaraatti taa’aamaa jira.
Mariii kanarratti Pireezedaantiin Mootummaa Naannoo Afaar, obbo Awaal Arbaa, Deettaan Ministira Geejibaa obbo Kasahuun Goffee, Daayeiktara Olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Ityoophiyaa Injinar Habtaamuu Taganyee, Hooggantoonni olaanoo Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Ityoophiyaafi hooggantoonni Naannoolee irratti argamaniiru.
Akka Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Ityoophiyaa beeksiseetti, Sanadni qabiyyee gurguddoo karoora misooma daandii Waggaa 10 dhiyaatee irratti marii’atameera.
Gara fulduraatti ijaarsa bu’uuraalee misoomaa irratti dandeetti naannoolee guddisuun, ijaarsa daandii qixa sirriinii fi proojektoota gara bulchiinsaatti kan ceesiisu ta’uun sanadni dursee qophaa’e kan cimsu ta’uu obbo Awaal himaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment