Finfinnee, Hagayya 4, 2014 (FBC) – Karoora kabaja guyyaa sabaa fi sablammoota Ityoophiyaa 17ffaa qindeessummaa Mana Maree Federeeshiniin Naannoo Sidaamaatti kabajamu ilaalchisuun hoggantonni mana marichaa mari’ataniiru.
Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar, kabaja guyyichaaf qophii duraa taasisuun, hanqinaalee mul’atan furuu fi milkaa’inaalee kabajaa guyyichaa waggoottan darban kabajamanirraa argaman qindeessuun, hojiitti seenuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.
Maricharrattis karoora bu’uuraa fi qo’annoo kabaja guyyichaa ilaalchisuun qophaa’erratti bal’inaan mari’atamu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.
Hirmaattonni marichaas, guyyichi tokkummaa diimookiraasummaa cimsuun bu’aa qabeessa akka ta’u qophii barbaachisaan taasifamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Guyyaan sabaa fi sablammootaa Ityoophiyaa 17ffaan Naannoo Sidaamaa Magaalaa Hawaasaatti kabajama.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.