Karoora ce’umsa dijitaalaa milkeessuuf giddugalootaa daataa cimsuuf hojjetamaa jira-Dooktar Ballaxaa Mollaa

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2016 (FBC)- Karoora ce’umsa dijitaalaa milkeessuuf hojiileen giddugaloota daataa babal’isuu fi cimsuu hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeeraa Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan dubbatan.

Seektara faayinaansii fi guddina teeknooloojii Itiyoophiyaaf oolchuuf Giddugaloota daataa cimsuuf mariin xiyyeeffate gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Dooktar Ballaxaa Mollaan, ce’umsa diinagdee dijitaalaa Itiyoophiyaa kan tumsan giddgaloota daataa addaa addaa hojii eegalchiisuu dubbataniiru.

Fakkeenyaaf dhaabbanni dhuunfaa “Wingu Afrika” jedhamu Paarkii ICT keessatti hojii invastimantii giddugala daataarratti bobba’ee jiraachuu kaasan.

Haaluma kanaan damee dhuunfaa hirmaachisuun misooma giddugalaa daataa nageenyummaa isaa mirkanaa’eef xiyyeeffannaan kennameera jedhan.

Itiyoophiyaatti Daayrektarri ‘Winguu Afrikaa’ Tashoomaa Warquu, sosochii diinagdee dijitaalaa tumsuu fi dursummaa walitti hidhamiinsaa dijitaalaawaa naannawichaa cimsuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Saamu’eel Warqaaayyoo fi Zarayaqoob Yaaqoobtu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment